Biyyii fi ummannii gatii utuu hinkaffaliin misoomee fi badhaadhe hinjiru-Dr. Laggasaa Tulluu

Finfinnee, Onkololeessa 6, 2017 (FBC)- Biyyii fi ummanni gatii utuu hinkaffaliin misoomee fi badhaadhe hinjiru jedha Ministirri tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluun.

Dooktar Laggasaan akka jedhanitti, Itiyoophiyaan nageenyaa ishee bu’uuressaa, imalaa badhaadhinaa isheef bu’uura kan ta’an misooma hawaas-diinagdee saffisiisaa jirti.

Nageenya bu’uuresaa, ijaaraa fi diimookiraasii shaakalchiisuun, adeemsa keessas fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuun hojii fi mul’ata guyyuu Itiyoophiyaa ta’uu kaasaniiru.

Misooma kooriidarii gaggeeffamaa jiruu fi hojiilee misoomaa hojjetamaa jiraniin walqabatee maqa balleessiin dhaga’amaa jiraachuu gama miidiyaa hawasummaa isaaniin ibsaniiru.

Nagaa fi tasgabbiin Itiyoophiyaan kan jeeqaman ‘baandaawwan’ keessoon diinota seenaa keenya wajjiin qindoomuun akkuma baran ajandaa haaraa qabatanii as bahuu eegalaniiru jedhan.

Naannawaa jireenyaaf mijataa uumuuf sochiin eegalamuutti boqonna dhabuu kaasanii, lammiileen haala rakkisaa keessa jiraatan turan wayita jireenya fooyya’aa dhandhamuu eegaluun isaaniif sarbama mirga namoomaati jedhan.

Misoomni kooridarii adeemsa qajeelaa keessaa akka hindabarre kan yaadachiisan Dooktar Laggasaan, hanga hojichi eegalamee xumuramutti hojiin addaan cituu, sochii daanga’uu, dogoggorri adda addaan namni miidhamu hinjiru jechuu akka hintaane dubbataniiru.

Kunis misoomaaf jecha gatii kaffalamuu ta’uu himanii Biyyii fi ummanni gatii osoo hin kaffaliin guddatte yookaan badhaadhe hin jiru jedhaniiru.

Ta’us, mootummaan jeequmsa uumameef dhiifama gaafachuu yaadachiisan.

Fuuldurattis hojiilee misooma koridarii gaggeeffaman dhamaatii kan hir’isan akka ta’an, namni kamuu da’oo utuu hinargatiin akka hinkaafamne, ummannis dursee akka irratti mari’atu, bakka fi baasii ijaarsaa yookaan beenyaa malu akka argatan xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu himan.

Qabatamaan dhugaan jiru kan ta’ee utuu jiruu maqaa kooriidariin mootummaan sarbama mirga namoomaa akka raawwate, lammiilee kan hindhaggeeffanne, maal na dhibdeedhaan hojicha gaggeessaa akka jirutti oduun ololamu bu’uura kan hinqabne ta’uu ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment