Biyyi wareegama qaaliin dhaloota har’aa harka geesse gantuu fi baandaa, akka diigamtu hin eeyyamnu – Waajjira Caffee Oromiyaa

Finfinnee, Onkololeessa 26, 2014 (FBC) – Biyyi wareegama qaaliin dhaloota har’aa harka geesse gantuu,baandaa fi murna shororkeessaan kan hin diiggamne ta’uu Waajjirri Caffee Oromiyaa beeksiiseera.

Waajjirri Caffee Oromiyaa haala yeroo ilaalchisee ergaa dabarseera.

Guutuun ergichaa haala armaan gadiin dhiyaateera.

Biyyi keenya gootota dachee ishiirraa biqilaniin diinaaf osoo hin jilbeeffatiin saboonni, sablammoonniifi uummattoonni biyyittii tokkummaan ka’anii sirna koloneeffataa ofirraa qolachuun birmadummaa biyyaaf wareegama aarsaa lubbuun dhiigaa fi lafeen kaffalanii injifannoo Aduwaa dhaloota har’aa dhaalchisuu keessatti qoodni gootonni Oromoo qaban olaanaadha.

Biyyi wareegama qaaliin dhaloota har’aa harka geesse gantuufi baandaa, murna shororkeessaa hattuu, saamtuufi yakkamtuudhaan akka diigamtuuf hin hayyamnu. Diina alaafi keessaa qindaa’ee biyya bittinneessuuf abjootu kaleessa gamtaan qolannee abjuu diinota keenyaa maseensuu dandeenyee jirra.

Murni shororkeessaa ABUT fi Fardeen ishii biyya diiguu malee ijaaruu hin beekne, dantaa, fedhiif faayidaa lammiileefi biyyaa cinaatti dhiistee, qabeenya biyyaa saamuun miira ofittummaan faallaa dantaa ummataa jiraachaa kan turteefi har’as kaayyoofi akeekni ishii kan hin milkoofne ta’ullee yaalii biyya diiguu taasisuu irratti argamti.

ABUT uumama ishii irraa eegalee aangoo mootummaa giddu galeessaa to’attee hanga irraa ari’amtutti shirriifi daba ittiin dhalattee guddatteen, yakkoota gurguddaa saamicha qabeenyaa, hanna, sarbamiinsa mirga dhala namaafi daldala kontirobaandii seeraan alaa raawwachuun diinagdeen of ijaaraa ummanni biyyitti immoo maraammartoo hiyyummaa keessa akka jiraatu gochaa turuun ishii yaadannoofi godaannisa qooree osoo  hin fayyiin jirudha.

Kanarra ce’uunis, mirga jiraachuu uumamaafi Heeraan dhala namaaf kenname mulquun qeerroofi qarree naannoo Oromoo irratti reebichaafi dararaa hammaataa dubbachuufis qorqalbii nama cabsuu kanneen akka qeensa buqqisuu, miila muruufi ajjeechaa sukkanneessaa raawwachuun wareegama hadhaawaa kaffalchiisaa turuun ishii godaannisa seenaa hin dagatamnedha.

Qeerroofi qarreen Oromoos, hidhaafi dararaa akkasumas ajjeechaa sukkanneessaaf osoo harka kenniin ummattoota obbolaa isaa waliin ta’uun wareegama qaaliin jijjiiramni bu’uuraa biyya kanaaf akka dhufu taasisuu keessatti gumaacha guddaa taasisaniiru.

Murni ilaalcha dulloomaafi yaada boodatti hafaa qabatee Maqaleetti gale kun, saamichaafi ajjeechaa amaleeffate injifatamuu isaa amanuu dadhabee yaadama ittiin dhalate osoo hin jijjiiriin aangoo irraa mulqame qaxxaamuraan deebisee qabachuuf humna qabu hundaa walitti coree jiraadhes bades biyyi diigamuu qabdi yaadama jedhuun boolla qarqara dhaabbatee ijibbaata falmachuu irratti argama.

Juuntaan Raayyaa Ittisa Biyyaa Ajaja Kaabaa irratti, baandummaa isaa irra deebiin uumata biyyittiif ifatti kan mirkaneesse, raayyaa gaachana biyyaafi wabii ummata Tigraay ta’ee waggoota hedduuf waliin jiraate shira dhoksaan xaxaa tureen Onkoloolessa 24 Bara 2013 haleellaa raawwateen gantummaa isaa ifatti labse. Gochi murni kun raawwates kallattiin birmadummaa biyyaa irratti kan qiyyaafate ta’uu ummanni Oromoo hubatee diina ummata Tigraay jala dhokachuun akeekaafi dheebuu aangoof qabu deebisuun gaddaafi gadadoo kaleessaatti nu deebisuuf carraaqu kana gooticha raayyaa keenya bira dhaabbachuufi bakka barbaachisaa ta’ettis hirmaannaa taasisiin aantummaa qabu akka mirkaneessuuf Caffeen Oromiyaa waamicha taasisa.

Murni ABUT waggoota 27n aangoorra turetti, hannaafi saamicha qabeenyaa irratti bobba’uun faayidaa dhuunfaa isaaf oolfachaa kan ture yommuu ta’u, ummata Tigraayiin hiyyummaafi hirkattummaa jalaa baasuu hin dandeenye.

Mootummaafi Raayyaan keenya aantummaa lammiilee isaaf qabu qabatamaan mirkaneessuuf wabii ummata Tigraay ta’ee tokkicha lubbuusaa ummata kanaaf wareegaa akkuma ture har’as nagaafi tasgabbii waaraa fiduufi dantaa ummatichaaf jecha dhukaasa gamtokkee dhaabuun nagaan bu’ee ummanni Tigraay jiruu idilee isaatti akka deebi’uuf carraa uumuun isaa ni yaadatama.

Murni kun garuu, olola sobaa facaasuun akka waan injifatee of fakkeessuun, duula babal’iina lafaa gara naannolee ollaa isaa jiraniitti babal’ifachuu itti fufe. Kana malees, diinota alaafi keessaa biyya keenya bittinneessuuf carraaqan waliin michoomuun gocha diigumsa biyyaafi mootummaa dadhabsiisuuf qoqqobbiiwwan adda addaa labsuufi miidiyaalee qabaniin dhara dhugaa fakkeessanii lallabuu itti fufani.

Qabsoo taasifamaa ture keessatti qoodni gootonni Oromoo qaban ijaarsa biyya kanaa keessatti adda durummaan kan eeramudha. Oromoon ummattoota obbolaa isaa waliin ta’uun jaalala biyyaaf qabu  gootummaa isaan kan mirkaneesse daangaa biyya isaa dhiigaafi lafee isaan sararee dhaloota har’aan gahuu keessatti qooda olaanaa qaba.

Har’as, diina birmadummaa biyyaa irratti alaafi keessaa qiyyaafatee jiru ummanni naannoo keenyaa walta’ee qolachuun mootummaa sagalee isaan hundeeffate cimsuun nageenya naannoo isaaf waardiyyaa ta’uun abjuun diinota keenyaa akka fashalaa’u taasisuu keessatti qooda isaa bahachaa akkuma ture cimsee itti fufuu qaba.

Dambaliin ummata keenyaa har’a guutummaa Oromiyaatti taasifamaa tures iccitii injifannoo keenya kaleessaa ta’uu isaa qabatamaan kan mirkaneesse yommuu ta’u, imala fuuldura keenya jiruufis wabii keenya ta’uu isaa qabatamaatti diinaafis firaafis agarsiisuu danda’ee jira.

Ummata keenya qabannee rakkoolee nageenyaa amma nu qoraa jiran injifannoon ceenee badhaadhina naannoo keenyaa mirkaneessuu akka dandeenyu shakkii tokko hin qabnu.

Kanaaf, hojiiwwan misoomaa jalqabne ummata keenyaa waliin itti fufsiifna. Ummanni naannoo keenyas, Raayyaa Ittisaa  keenya cinaa dhaabbachuun awwaalli murna shororkeessaa ABUT fi ergamtoota ishii dhiyaatee jiru akka saffisuuf humnaafi qabeenya qabuun deeggaruutu irra jiraata.

Gama biraan, Oromoon olola sobaa murni shororkeessaa ABUT fi fardeen isaanii facaasaniin osoo hin burjaaja’iin qe’eefi naannoo isaa qaamolee nageenyaa waliin ta’uun dammaqinaan tikfachuutu irra jiraata.

Tokkummaan humna; sabni tokkoomeefi gamtoome immoo yeroo hunda injifataadha. Diina alaafi keessaa isa weeraruuf carraaqu kamiyyuu gootummaan qolatee injifannoo labsuun sabasaafi biyyasaa boqonnaa haaraatti ceessisa.

Kanaaf, lammiileen xiiqiin diina birmadummaa biyya keenyaa irratti qiyyaafate lamuu deebi’ee akka hin kaanetti awwalcha isaa gadi fageessinee awwaluutu nurraa eegama.

Caffee Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Onkoloolessa 26, 2014

FinfinneeNaannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment