Biyyi qulqullina barnootaaf aadaa qusannaa hinqabne abdii egeree hinqabdu-Obbo Awwaluu

Finfinnee, Amajjii 2, 2016 (FBC)- Biyyi qulqullina barnootaa fi aadaa qusannaa hinqabne abdii egeree hinqabdu jedhan Pireezidaantii Itti Aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin.

Qorannaa hojiilee barnootaa fi faayinaansii ji’oottan jahan darbanii bakka Pireezidaantii Itti Aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii fi qooda fudhattoonni argamanitti Magaalaa Shaashamanneetti gaggeeffameera.

Qulqullina barnootaa mirkaneessuu fi diinagdee cimaa ijaaruuf hojii hojjatameen bu’aan galmaa’aa jiraachuun waltajjicharratti ibsameera.

Dhimmi barnootaa kan barsiisotaa qofa ta’ee akka turee fi barsiisonni gahumsa dhabuu, deddeebiin hojjachuu fi hojii dhuunfaatiin xaxamuu, qaamoleen siyaasaa dhimma barnootaaf xiyyeeffachuu dhabuu, koreewwan gara garaa manneen barnootaa keessatti ijaaraman dhimma faayinaansii manneen barnootaa malee barumsaaf xiyyeeffannoo kennuu dhabuu fi barataan dhimmoota gara garaatiin burjaaja’uun ofitti amanamummaan barachuu dhabuun cabiinsa barnootaa kan fide ta’uu qorannaawwan gaggeeffamaniin adda bahuun himameera.

Rakkoolee kanneen furuun cabiinsa barnootaa fooyyessuuf akka Oromiyaatti gumii tiraanisfoormeeshiinii barnootaa 920 ijaaruun hanqinaalee adda bahan giddu galeeffachuun karoorri xiiqii qophaa’ee hojiilee hojjatamaniin jijjiiramni jiraachuunis ibsameera.

Barnootaa fi diinagdeen walitti hidhata kan qabanii fi biyyaaf murteessaa Obbo Awwaluu Abdiin himaniiru.

Biyyi qulqullina barnootaa fi qusannaa hinqabne abdii egeree hinqabdu waan ta’eef, aadaan qusannaa hawaasaa cimuu akka qabus akeekaniiru.

Manneen barnootaa beekumsaafis ta’ee galii maddisiisuuf bu’uura ta’uu kaasuun, maatiin barattootaa maqaa daa’imman isaaniin akka qusatu hojjetamuu qaba jedhan.

Barsiisotaaf lafti mana jireenyaa akka kennamuu fi manneen barnootaa keessatti madda galii cimsuun barsiisaan dhamaatii kamuu keessaa bahee hojii baruuf barsiisuu akka hojjatu ni taasifama jedhaniiru.

Biqilaa Tufaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment