Biyyi keenya Ityoophiyaan carraaqii keenyaaf deebii kan ta’uu firii lalisummaa ishee akka nu quubsitu kan argineedha-MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Onkololeessa 12, 2015 (FBC)- Biyyi keenya Ityoophiyaan carraaqii keenyaaf deebii kan ta’uu firii lalisummaa ishee akka nu quubsitu kan argineedha jedham Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad Godina Jimmaa Aanaa Shabee Sombootti oyiruu oomisha ruuziin misoome daawwataniiru.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad daawwannicha ilaalchisuun yaadaa gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniin, “Biyyi keenya Ityoophiyaan carraaqii keenyaaf deebii kan ta’uu firii lalisummaa ishee akka nu quubsitu kan argineedha” jedhan.

Damee bobbaanee jirrutti jabaannee haa hojjennuu jechuun ergaa dabarsaniiru.

Bara oomishaa 2013/2014 godinichaatti lafti hektaarri kuma 27 ruuziin uwwifameera.

Barana hojicha babal’isuun Godina Jimmaa qofaatti oomishi ruuzii kuntaala miiliyoonni tokko ni argama jedhamee eegama.

Qonnaan bultoonni oomisha ruuzii kilaastaraan kan misoomsan yoo ta’u, Muummeen Ministiraa kan daawwatan Aanaa Shabee Sombootti laftii hektaarri kuma 3 fi 500 ruusiin misoomeera.

Oomishi ruuzii erga haamamee boodas qamadii oomsihuuf qophaa’uu qonnaan bultoonni ibsaniiru.

Alaazaar Taaddalaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment