Biyyi ilmaan isheetiin ijaaramti, eegamtis-Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Qaammee 3, 2016 (FBC)-Biyyi ilmaan isheetiin ijaaramti, eegamtis jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad

Dooktar Abiy gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, Birmadummaa keenya eegnee jiraachuun keenya nuboonsa jedhan.

Birmadummaan daangaa biyyaa qofaasaa akka hin dhaabanne garuu hubanneerra. Birmaddummaan gama hundaan ta’uu akka qabu ibsaniiru.

Birmadummaa nyaataa, birmadummaa teknooloojii, birmadummaa bajataa, birmadummaa biyyaa isa guddaa cimsanii kan dhaabani ta’uu kaasaniiru.

“Dameewwan birmadummaa kanneen kabachiisuuf gootummaa gosa haaraa nubarbaachisa. Gootummaa biyyaalessummaa” jedhaniiru.

Gootummaan biyyaalessummaa bakka itti bobbaane hundattuu birmadummaa Itoophiyaa gama hundaa kabachiisuuf aarsaa yeroo, beekumsaa, kan maallaqaafi, kan humnas kaffaluu ta’uu eeruun Biyyi ilmaansheetiin ijaaramti, eegamtis jedhaniiru.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment