Biyyi daandii sirriirra akka imaltu riifoormiin itti fufiinsa qabuu fi bu’aa qabeessa ta’e barbaachisaadhaa – Obbo Tamasgeen Xirunaa

Finfinnee, Qaammee 2, 2016 (FBC) – Qaammeen 2, Guyyaan Riifoormii mata duree ‘Riifoormii tajaajila caalmaaf” jedhuun kabajamaa oola.

Biyyi daandii sirriirra akka imaltu riifoormiin itti fufiinsa qabuu fi bu’aa qabeessa ta’e barbaachisaa Ministirr Muummee Itti Aanaa FDRI Obbo Tamasgeen Xirunaan ibsaniiru.

Bara jijjiiramaa kana Riifoormiiwwan ilaalchaa, mala jireenyaa, hojmaataa fi hoggansaa dabalatee hedduun milkaa’uu Obbo Tamasgeen Xirunaan kaasaniiru.

Dhaabbilee nageenyaa, Damee Haqaa, Qonna, Damee Oomishaa, Barnootaa,Siiviil Sarvisii, damee Diijitaalaa, Hariiroo Alaa fi Diinagdee Gooroo keessatti Riifoormiin hojiirra ooluu kaasaniiru.

Badhaadhinni Itiyoophiyaa ida’ama kanneeniti jedhan.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment