Biyyatti rakkoolee gurguddoo qabduu furuuf marii biyyoolessaa hunda haammatee daraan  barbaachiisaadha-Obbo Adam Faraah

Finfinnee, Muddee 18, 2014 (FBC)- Biyyatti rakkoolee gurguddoo qabduu furuuf marii biyyoolessaa hunda haammatee hedduu barbaachiisaa akka ta’ee Hogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faraahan ibsaniiru.

Obbo Adam marii biyyoolessaa hunda haammatee kan barbaachisuu rakkoolee hedduun waan qabnuufi jedhaniiru.

Dhimmoota gurguddoorratti waliigalteen hin jiruu kan jedhan hogganichi, heeraa mootummaan, Alaabaan, ijaarsaa biyyaa fi dhimmoota bu’uuraa biroorratti waliigalteen hin jiru jedhaniiru.

Biyyi keenyaa hanga ammatti walitti bu’iinsaa fi waraanaa keessaa ba’uu kan hin dandeenyee fi akka biyya tokkotti diimokaaraasii hordofuu fi ragga’uu dhabuun hanqinni jiraachuu ibsaniiru.

Eenyummaa waloo fi tokkummaan sabdaneessaa akka biyyatti mirkaanaa’uu kan hin dandeenyee ta’uu obbo Adam himaniiru.

Rakkoolee kanneen furuuf mariin biyyaalessaa hunda haammatee daraan barbaachiisaa ta’uu itti amanamuu ibsaniiru.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

Comments (0)
Add Comment