Finfinnee, Amajjii 3, 2014 (FBC) – Biyya keenya rakkoolee walxaxaan mudataanis daandeetti ga’aa kan qabdu ta’uusheen magaalootarratti carraawwan fayyadamnee dargaggootaaf carraa hojii uumuu qabna jechuun Ministeera Kalaqaa fi Hojiitti Ministir deetaan damee bobbii hojii fi gabaa obbo Nigusuu Xilaahuun ibsaniiru.
Waggoottan shanaan dhufanitti magaaloota 11tti proojektiin dargaggoota kuma 70 leenjisuun carraa hojiif haala mijeessuu bocamee hojjetamaa jiraachu himaniiru.
Hojii yaaliif magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Qirqoos aanolee lamatti dargaggoonni barnoota olaanoo carraa hojii hin argannee leenjisuun shaakala hojii akka taasisaan haala mijeessuun sochiin eegaleera jedhan.
Dargaggoota leenjisuun shaakalaa hojiif gara dhaabbilee dhuunfaatti wayita ergamaan deeggarsa taasisanii fi carraa hojii uumuu itti gaafatamuumma hundaa ta’uu kan tumsuu mariin gaggeeffameera.
Mootummaan itti gaafatamuummaa carraa hojii uumuuf haala mijaata uumuu fi rakkoolee walxaxaa muudataan furuu qaba kan jedhan obbi Niguusuun, abbootiin qabeenyaa fi qaamoleen tumsiitoota dargaggootarratti xiyyeeffannoon hojjechuu qabu jechuusaanii ragaan Ministeericharra argamee ni muul’dhisa.
Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.