Biyyaa fi lammii keenyaaf deeggarsa kan taasifnu nurraa hafee osoo hin taane kan qabnurraa hir’isneetu- diyaaspooraawwan

Finfinnee, Amajjii 1, 2014 (FBC) –  Biyyaa fi lammii keenyaaf deeggarsa kan taasifnu nurraa hafee osoo hin taane kan qabnurraa hir’isneetu jedhan diyaaspooraawwan Jarman Magaalaa Firaankfart irraa dhufan.

Lammiilee garee shororkeessaa ABUTiin miidhaan irra ga’e deebisanii dhaabuun itti gaafatamummaa lammii hundaa ta’uu kaasaniiru.

Namni kamuu lammii isaaf deeggarsa kan taasisu irraa hafee osoo hin taane kan qaburraa hir’isee ta’uu eeraniiru.

Hawaasni diyaaspooraa ala jiraatu biyya isaa deeggaruun akka irra jiraatu ibsaniiru.

Bakkeewwan miidhaan qaqqabetti dhaabbilee fi bu’uuraalee misoomaa barbadaa’an deebisanii dhaabuuf hawaasni diyaaspooraa ga’ee isaa akka ba’atu waamicha taasisaniiru.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment