Biyya miidhaa dubartootaarraa bilisa taate uumuuf hunduu xiyyeeffannaan hojjechuu qaba jedhe Ministeerri Dubartoota, Daa’immanii fi Dargaggootaa FDRI

Finfinnee, Muddee 1, 2012 (FBC) – Biyya miidhaa dubartootaarraa bilisa taate uumuuf hunduu xiyyeeffannaan hojjechuu qaba jedhe Ministeerri Dubartoota, Daa’immanii fi Dargaggootaa FDRI.

Ministirri ministeerichaa aadde Yaalam Tsaggaay Ityoophiyaan biyya miidhaa dubartootaarraa bilisa taate, daa’immanii fi dubartootaf mijattuu taate ijaaruuf hunduu ga’eesaa ba’achuu qabaan dhaamaniiru.

Sirni cufiinsaa sosochii farra miidhaa koorniyaa guyyootii 16 har’a magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera.

Miidhaan qaamaa fi xinsammuu dubartootarra ga’u dhaabbachuu akka qabuu fi hunduu qoodasaa akka ba’atu ministirittiin dhaamaniiru.

Sosochichi akka addunyaatti si’a 28ffaaf akka biyyaatti ammoo si’a 14ffaaf Sadaasa 16,2012 kaasee gaggeeffamaa tureera.

Comments (0)
Add Comment