Biyya keenya waloon ijaaruuf murannoon kaaneerra – Paartilee morkattootaa

Finfinnee, Fulbaana 26, 2014 (FBC) – Biyya keenya waloon ijaaruuf murannoon kaaneerra jedhan muudamtoonni Paartilee morkattootaa.

Hundeeffamni mootummaa sona diimookraasii dagaagsuuf qooda olaanaa qabaachuu miseensonnii Paartilee morkattootaa Kaabinee ta’uun muudaman ibsaniiru.

Mootummaan qaamolee hojii raawwachiiftuu keessatti paartilee siyaasaa hirmaachisuun paartilee siyaasaa gidduutti wal amanuu uumuun rakkoo biyyaaf furmaata waloo barbaaduuf carraa kan uumu ta’uu kaasaniiru.

Itti gaafatamummaa ummataa fi mootummaan itti laatame ga’umsaan raawwchuun bu’aa caaluuf kan hojjetan ta’uu Itti aanaa hayyuu dureen ABO obbo Qajeelaa Mardaasaa fi hogganaan Paartii EZEEMA Proofeesar Birihaanuu Naggaan turtii Faanaa Broodkaastiing Korporeet waliin taasiisaniin ibsaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment