Biyya itti fufsiisuun dameewwan hundaan wareegama kaffaluun akka barbaachisu eerame

Finfinnee, Qaammee 2, 2015 (FBC)- Goototni lammiileen Itiyoophiyaa biyya qabsoo olaanaan dhaabbatte itti fufsisuuf hunduu damee bobba’erratti wareegama kaffaluu barbaachisa jechuun Miseensonni Waldaa Gotota Durii Itiyoophiyaa ibsan.

Sadarkaa biyyaalessaatti Qaammeen 2, Guyyaan Wareegamaa mata duree “Biyya Wareegamaan ijaaramte” jedhuun kabajamaa jira.

Miseensonni Waldaa Gootota Durii Itiyoophiyaa guyyicha ilaalchisuun akka jedhanitti “Abbootiin keenya daangaa biyyaa kabachiisuuf wareegamni lubbuu kaffalan biyyi bilisummaan akka turtu taasiseera.”

Qabsoon gootummaa durii wareegama lubbuu kaffaluun kan argamu ta’uu ibsuun, dhaloonni ammaa ammoo dameewwan hundaan ittigaafatama itti kenname bahachuun biyya ijaaruuf wareegama kaffaluu akka qaban hubachiisaniiru.

Dhaloonni ammaas damee biyyi barbaadduun daandii sirriin bobba’uun ittigaafatama Itiyoophiyaa itti fufsiisuu bahachuu akka qaban akeekuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment