Biyya egereenshee abdii qabduu fi guddatte ijaaruuf daa’imman irratti hojjachuun barbaachisaadha- Aadde Jamiilaa Sinbiruu

Finfinnee, Waxabajjii 14, 2014 (FBC) – Biyya egereenshee abdii qabduu fi guddatte ijaaruuf daa’imman irratti hojjachuun barbaachisaa ta’uu Hoggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Oromiyaa Aadde Jamiilaa Sinbiruun ibsan.
Guyyaa daa’imman Afrikaa yeroo 31ffaaf akka naanoo Oromiyaatti magaalaa Baatuutti kabajameera.
Ayyaanichi mata duree ‘miidhaa daa’imman irra qaqqabuu waliin haa dhaabsiisnu’ jedhuun kabajameera.
Kabaja ayyaanichaa sababeeffachuun dubartoota harka qalleeyyii daa’imman sadii ol qabaniif deeggarsi garaagaraa taasiifameera.
Dubartoonni diinagdee cimaa horachuun daa’imman abdii borii sirnaan akka guddisan deeggarsi akka kanaa qindoominaan kan itti fufu ta’uu Hoggantuun biirichaa Aadde Jamiilaan ibsaniiru.
Minaalee Gabayyootu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment