Biyya cimtuu taate ijaaruuf rakkoolee biyyaalessaa mariin furuu barbaachisadha- Dooktar Yiliqaal Kaffaalaa

Finfinnee, Caamsaa 29, 2014 (FBC) – Biyya cimtuu taate ijaaruuf rakkoolee biyyaalessaa mariin furuu  barbaachisu ta’uu Preezdaantiin naannoo Amaaraa Dooktar Yiliqaal Kaffaalaa ibsan.

Komishiniin Marii Biyyaalessaa hoggantoota olaanoo naannoo Amaaraa waliin sagantaa walbaruu gaggessaa jira.

Waltajjicharratti Komishinara Komishinichaa Proofeesar Masfin Aarayaa, Preezdaantii naannoo Amaaraa Dooktar Yiliqaal Kaffaalaa, hoggantoonni olaanoon mootummaa naannichaa, Jaarsoliin Biyyaa, Dargaggoonnii fi qaamoleen  biroon argamaniiru.

Biyya cimtuu taate ijaaruuf rakkoolee biyyaalessaa mariin hiikuun barbaachisaa ta’uu Dooktar Yiliqaal waltajjichaan ibsaniiru.

Biyyi jabduu garaagarummaa jiru dhiphisuunii fi waldanda’uurratti hundoofte uumuuf mootummaan naannichaa Komishinii Marii Biyyaalessaa cinaa dhaabbachuun deeggarsa barbaachisaa kan taasisu ta’uu kaasaniiru.

Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Proofeesar Masfin Aarayaan gamasaaniin, Komishinichi ajandaawwan garaagarummaa hir’isuu fi tokkummaa cimsuuf kaayyeffatee hundaa’uu ibsuu AMKn gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment