Finfinnee, Sadaasa 15, 2014 (FBC)–Biyya abbootiin keenya birmadummaa fi bilisummaa ishee kabachiisanii nutti dabarsan saamtotaa fi weerartoota irraa eeguuf dirqama qabna jedhan Daayrektarri Daayrektoreetii Dhimma Dubartootaa Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Meejer Jeneraal Xiruyyee Asaffeen.
Miseensonnii fi loltoonni dubartootaa daayrektoreetii Indoktereneeshinii olaanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa jalatti argaman haala yeroo irratti mari’ataniiru.
Akaakilee keenyarraa eegalee biyyi wayita weeraramtu dubartoonni madda odeeffannoo ta’uu dabalatee gama hawaasummaa, siyaasaa fi hamilee loltootaa kakaasuun hojii olaanaa hojjechaa turaniiru jedhan Meejer Jeneraal Xiruyyeen.
loltoonni dubartootaa loluu fi lolchiisuun bu’aa quubsaa argamsiisaa jiru jedhan.
Loltoonni dubartootaa duula birmadummaa deeggaruu fi keessatti qooda fudhachuun fakkeenya ta’uu qabna jechuu isaanii ragaan Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni muul’isa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.