Bittaan dijitaalaa Birrii biiliyoonni 300 ol raawwate

Finfinnee, Hagayya 11, 2013 (FBC)- Bara baajata 2013tti bittaan elektirooniksii Birrii biiliyoonni 300 ol raawwatamu ibsameera.

Bara baajata 2014tti tajaajilli mootummaa gara diijitalaatti akka jijjiirramaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii beeksiseera.

Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknooloojii, ijaarsa biyyoolessaa diinagdee diijitaala gara hojiitti kan galchaan haaloonni mijataan uumamaniiru jedha.

Ministeerichatti daayreektarri waliigala sagantaa tiraanfoorameeshiini diijitaalaa Dooktar Abyoot Baayyuu, yeroo amma kana hedduun diinagdee diijitaalaatti makamaa jiraachuu ibsuun yeroo itti aanuuttis hojii bittaa elektirooniksii hawaasaaf beeksisuu xiyyeeffannoo olaanaa hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Ministeerichatti daayreektarru dhimmoota seeraa obbo Ayaalinaah Lammaa gama isaaniin, ijaarsa diinagdee diijitaalaa hordofee bitta onlaayinii eegaluun yeroo fi maallaqaa qusachuurra darbee yakkoota akka hannaa ittisuuf shooraa olaanaa qaba jedhaniiru TOItu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment