Bittaa Xaa’oof Doolaarri biiliyoonni 1.3 eeyyamame

Finfinnee, Hagayya 27, 2016 (FBC) –Xaa’oo biyyoo kuntaala miiliyoona 25 bituuf Mootummaan Doolaara biiliyoonni 1.3 eeyyamuu ibsame.

Korporeeshiniin Hojiilee Qonnaa Itiyoophiyaa bara oomishaa 2017/18 adeemsa bittaa Xaa’oo Biyyoo eegaluu himeera.

Xaa’oo biyyoo Daappii fi Yuuriyaa jedhaman Qonna Jallisiif oolu adeemsa bittaarraa jiraachuu ibseera.

Bara oomishichaaf bittaan Xaa’oo biyyoo akaakuu garaagara kuntaala miiliyoona 25 kan raawwatamu ta’uu himameera.

Baatii Fulbaanaa bara 2017 eegalee Xaa’oon biyyoo Qonna jallisiif oolu dhiyaachuu kan eegalu ta’uu eerameera.

Xaa’oon biyyoo Yuuriiyaa jedhamu kuntaallii miiliyoonni 13 fi Daappii kuntaala miiliyoona 12 Doolaara biiliyoona 1.3n bituuf eeyyamamuu ragaan Korporeeshinicharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment