Bittaa dooniin walqabatee himatamani kan turan Koloneel Mahaammad Birhaanuu hidhaa fi maallaqaan adabaman

Finfinnee, Eebla 2, 2015 (FBC)- Bittaa dooniin walqabatee himatamanii kan turaan kutaa seeraa Koorporeeshinii Injiinariingii sibiilotaa duraanii Koloneel Mahaammad Birhaanuutti adabbiin hidhaa fi maallaqaa murtaa’e.

Manni murtii olaanaa federaalaatti dhaaddachi dhimmoota yakka malaanmaltummaa 4ffaan murtoo kana har’a dabarseera.

Manni murtichaa murtoo adabbii himatamaan mana murtiitti utuu hin dhiyaanne dhimmi isaanii bakka isaan hin jirretti ilaalamaa turuun waggaa lamaan booda mana murteetti dhiyaachuun akka ta’ee eerameera.

Abbaan Alangaa Amajjii 6, 2011 dhaabbannii tajaajilaa geejjiba galaanaa fi loojistiksii waggoota hedduuf kan ittiin tajaajilaa kennaa ture bittaa dooniiwwan Abbaay fi Abiyoot jedhamaniin walqabatee miidhaan Birri imiiliyoona 544 geessisaniiru jedhamuun Meejar Jeneraala Kinfee Daanyawu dabalatee himatamtoota 10 irratti himannaan yakka malaanmaltummaa dhiyaachuun kan yaadatamuudha.

Himatamaa 7ffaa, koree bittaa kan turan koloneel Mahaammad Birhaanuurratti ragaa namaa fi sanada abbaan alangaa dhiyeesseen manni murtichaa hidhaa cimaa waggaa ja’aafi baatii 6 akkasuma Birrii kuma 10’n akka adabaman murteesseera.

Galmee kana jalatti himanii kan irratti banamee turee Daayrektaraa olaanaa duranii koorporeeshinii Injiinariingii Sibiilotaa Meejar jeneraal Kinfee Daanyaawu irratti himannii banamee ragaa ittisaa dhiyeessuun adeemsaarra jiraachuun eerameera.

Taarik Addunyaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment