Bishooftuutti Pirojektoonni Birrii biiliyoona 3.8’n ijaaraman tajaajilaaf qophaa’uun ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 15, 2016 (FBC)- Magaalaa Bishooftuutti pirojektoonni Birrii biiliyoona 3.8’n ijaaraman tajaajilaaf qophaa’uun ibsame.

Magaalichatti pirojektoonni misoomaa 175 keessaa 169 xumuramuun ibsameera.

Pirojektootni hojjetaman kunneen gaaffii hawaasni qabu kan deebisu, galma misoomaa magaalattii kan dhugoomsuu fi galmoota guguddoo mootummaan qabate kan mirkaneessan ta’uu Hojii Gaggeessaan Mana Qopheessaa Magaalaa Bishooftuu Obbo Gabree Dhaabii dubbachuu ragaan Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment