Birriin sanadaan qophaa’e biiliyonni 23.8 maallaqatti jijjiirramuu akka qabu korichi hubachiise

Finfinnee, Muddee 26, 2013 (FBC) – Waajjira damee kaffaltoota gibiraa olaanootti birriin sanada qofaan taa’e biiliyoonni 23.8 gara maallaqaatti jijjiirramuu akka qabu koreen dhaabbii galii, baajataa fi faayinaansii hubachiise.

Korichi sosochi hojii waajjirichaa erga daawwatee booda duub deebii laateera.

Taaksii waliindha’uu fi hojicha ilaalchisee hordoffii fi too’annoon akka taasiifamuu fi kaffaltoota gibira hin beeksiifnee fi xinneessuun beeksisan hojiin too’achuu cimee itti fufuu akka qabu yaadachiisaniiru.

Birriin sanadaan taa’e biiliyoonni 23.8 gara maallaqaatti akka jijjiirramu hordoffii olaanaan taasiifamuu akka qabu korichi ergaa dabarseera.

Dhaabbileen 52 taaksii dabalataa kan hin beeksiifnee ta’uu eerrameera.

Maashinoonni gurgurtaa 496 hojiirra kan hin jirree fi 199 ammoo gara hojiitti kan hin deebine ta’uu ka’eera.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment