Birrii biiliyoona 1.2’n warshaa xaafiirraa nyaata garagaraa oomishu ijaaruuf dhagaan bu’uuraa kaa’ame

Finfinnee, Waxabajjii 6, 2016 (FBC)-Paarkii Indaastirii Boolee Lammii keessatti warshaa xaafiirraa nyaata garagaraa oomishu baasii Birrii biiliyoona 1.2’n ijaaruuf dhagaan bu’uuraa kaa’ameera.

Sirna dhagaa bu’uuraa kaa’uu kanarratti Hoji Raawwachiisaan Ittaanaan Damee Oppireeshinii Koorporeeshinii Paarkiiwwan Indaastirii Obbo Kaamiil Ibiraahiim, abbootii qabeenyaa biyya keessaa fi alaa gara paarkichaa seenanii hojjechuu barbaadaniif deeggarsaa fi hordoffii barbaachisaa akka taasisan mirkaneessan.

Dhaabbanni Daldalaa fi Gorsaa Peerii Meetir jedhamu kun Paarkicha keessatti warshaa xaafiirraarraa nyaata garagaraa oomishuu kan ijaarau yoo ta’u, hojiin ijaarsa isaa guutummattii xumuramuun hojii oomishuu wayita eegalu, oomishaalee isaa gara Awurooppaa, Ameerikaa fi biyyootaa Baha Giddugaleessaaf kan dhiyeessu ta’uun ragaan koorporeeshinicharraa argame ni mul’isa.

Dhabbatichi baasii birrii biiliyoona 1.2’n lafa hektaara 11 irratti kan ijaaramu ta’uun ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment