Finfinnee, Adoolessa 26, 2016 (FBC)- Galma birmadummaa nyaataa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf qabame milkeessuuf humna guutuu fayyadamuun murteessaa ta’uu Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen hubachiisaan.
Ministeerichi raawwii karoora 2016 fi karoora 2017 irratti waltajjii waloo Magaalaa Asoosaatti gaggeesseera.
Dooktar Girmaa Amanteen xiyyeeffaannaa damee qonnaaf kennameen damicha ammayyeessuu hanga oomishaa fi omishtummaa guddisuu, ashaaraa magariisaa, uwwisaa bosonaa guddisuu, maaddii guutuu, omishaalee alergii dabaluu fi hojiilee biroon bu’aalee galmaa’an jajjabeessaa ta’uu ibsaniiru.
Milka’inaalee galmaa’an akkuma eegamanitti ta’ee, akka biyyaatti ergamaa birmadummaa nyaataa mirkaneessuu galman ga’uuf ammas humna jiru guutummaatti fayyadamuun hojjechuu fi milka’ina isaa saffisiisuun nurraa eegama jedhaniiru.
#Oromia #Ethiopia