Birmadummaa nyaataa Afrikaa mirkaneessuuf misooma qonnaa hinraafamne gaggeessuu barbaachisa-Dr. Fitsum Asaffaa

Finfinnee, Onkololeessa 4, 2017 (FBC )- Birmadummaa nyaataa Afrikaa waarinaan mirkaneessuuf misooma qonnaa jijjiirama qabeenya qilleensaan hinraafamne gaggeessuu barbaachisa jedhan Ministirri misoomaa fi pilaanii Dooktar Fitsum Asaffaan.

Yaa’iin Haalaa Mijataa Qonnaa fi Sirna Nyaataa Dargaggoota Kuma Tokkoo Afrikaa Jalqabaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Yaa’icharratti dargaggooni 250 biyyoota Afrikaa garagaraarra babba’an kallattiin hirmaachaa kan jiran yoo ta’u, dargaggoonni kuma 2 ol ammoo marsariitiin hirmachaa jiru jedhameera.

Sirna Baniinsa Yaa’icharratti Dooktar Fitsum Asaffaan akka jedhanitti, jijjiramni qilleensaa damee qonnaarratti miidhaa geessisaa jira.

Kanaaf birmadummaa Nyaataa Afrikaa waarinaan mirkaneessuun, qonna jijjiirama qabeenyaa qilleensaan hinraafamne hojiirra oolchuu barbaachisa jedhan.

Itiyoophiyaan Sagantaa Ashaaraa Magariisaa, Maaddii Guutuu, Misoomaa Qamadii fi damee tuuriizimiirratti bal’inaan hojjechaa jiraachuu himuun, misooma qonnaa waaraa fi milkaa’aaf waloon hojjechuun akka barbaachisu himaniiru.

Hogganaan Gamtaa Birmadummaa Nyaataa Afrikaa Dooktar Miiliyoon Balaay, yaa’ichi Afrikaanonni dhimmicharratti akka mari’ataan carraa kan uumuu fi qormaatilee sirna nyaataan mul’atanirratti furmaataa akeekuuf kan kayyeffate ta’uu himuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment