Birmadummaa Ityoophiyaa kabachiisuuf aarsaa barbaachisuu hunda kaffaluuf qophiidha – BMNS

Finfinnee, Hagayya 22, 2014 (FBC) – Mootummaan Naannoo Somaalee Birmadummaa Ityoophiyaa kabachiisuuf aarsaa barbaachisuu hunda kaffaluuf qophii ta’uu beeksiise.

Mootummaan naannichaa haala yeroo ilaalchisee ibsa laateera.

Ummannii fi mootummaan naannoo Somaalee birmadummaa Ityoophiyaa kabachiisuuf aarsaa barbaachisuu kaffaluuf qophii ta’uu mirkaneesseera.

Gareen ABUT waraana eegale dhaabuun daandii nageenyaa akka filatu hawaasni idil addunyaa dhiibbaa taasiisuu akka qabu waamicha dhiyeesseera.

Ummannii fi mootummaan naannichaa yaalii ergamtoonni ABUT kanneen akka Alshabaab taasiisan fashaleessuu fi barbadeessuun daangaa Ityoophiyaa kabachiisuu cinaatti tarkaanfii ABUT irratti fudhatamuuf deeggarsa hunda galeessa taasiisu cimsanii kan itti fufan ta’uu eereera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment