Birmadummaa dijiitaalaa kabachiisuuf ce’umsi beekumsa teeknooloojii murteessaadha-Obbo Solomoon Sookaa

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2015(FBC)- Birmadummaa dijiitaalaa kabachiisuuf tattaaffii taasifamu keessatti ce’umsi beekums teeknooloojii murteessaadha jedhan Daayrektarri Olaanaa Bulchinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa.

Koonfiraansiin daagaagina saayinsii fi teeknooloojii idil Addunyaa Baahirdaaritti gaggeeffamaa jira.

Koonfiraansii yeroo 10ffaaf Inistitiyuutii Teeknoolojii Yuunivarsiitii Baahirdaariin gaggeeffamaa jirurratti yaadonni qorannoo fi qo’annoo saayinsii fi teeknolojii ni dhiyaatu jedhameera.

Birmadummaa dijitaalaa kabachiisuuf tattaaffii taaifamu keessatti beekumsa ceesisuu keessatti yuunivarsiitiiwwan gahee isaanii akka bahatan gochuuf Bulchiinsi Nageenya Odeeffannoo yuunivarsiitiiwwan 10 waliin tumsaan kan hojjechaa jiru ta’uu Obbo Solomoon kaasaniiru.

Bu’aalee saayinsii fi teeknooloojii rakkoolee hawasaa furan baasuu keesaatti dhaabbileen barnoota olaanoo gahee olaanaa akka qabanis ibsaniiru.

Fedhiin saayinsii fi teeknooloojii Ityoophiyaa guddachaa jiraachuu ibsanii, keessumaa damee nageenyaa saayibariin biyyattiin humna namaa fi teeknooloojii misoome barbaachisa jechuun himaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment