Birmadummaa biyyaa kabachiisuuf obboloottan naannolee biroo waliin hojjechuuf qophiidha – BNUKLI

Finfinnee, Hagayya 22, 2014 (FBC) – Birmadummaa biyyaa kabachiisuuf obboloottan naannolee biroo waliin hojjechuuf qophii ta’uu Bulchiinsi Naannoo Uummattoota Kibba Lixa Ityoophiyaa beeksiise.

Mootummaan Naannoo Uummattoota Kibba Lixa Ityoophiyaa haala yeroo ilaalchisee ibsa kenneera..

Gareen shoororkeessaa ABUT, ergama diinootaa fudhachuun Ityoophiyaa sabaan, amantaa fi gosaan qoqqoodee jiraata turuu Mootummaan Naannoo Uummattoota Kibba Lixaa Itiyoophiyaa beeksiseera.

Gareen Shororkeessaa ABUT uummattoota Ityoophiyaa walficcisiisuu fi tokkummaa isaanii diiguuf boolli hin qonne hin turre.

Gareen kun diinota Seenaa Ityoophiyaa irraa ergama fudhachuun sanyiin,amantii fi gosaan qoodaa tureera.

Duudhaa walkabajuu fi waldanda’uu Uummattoonni Ityoophiyaa ittiin beekkamu diiguuf shirri hin xaxne hin jiru.

Al-seerummaa,saamicha diinagdee fi sarbama mirga namoomaa suukkanneessaa seenaa keessatti dhiifama hin qabne lammiilee irratti raawwatee jira.

Diina Ityoophiyaa fi uummata hamaa ta’uu mirkaneesseera.

Dhiiga lammiilee qulqulluu dhangalaasee jira,qabeenya barbadeesseera, dargaggoota Tigraa irbaata Ibiddaa taasiseera,lammiilee hedduu buqqisee jira.

Filannoo nagaa Mootummaan dhiyeesseef cinaatti dhiisuun yeroo sadaffaaf naannoo Amaaraa fi Afaar irratti waraana banee jira.

Walitti bu’iinsaa fi waraanaan ala jiraachuu kan hin dandeenye ABUT, Marii nageenyaa dhiyaateef diduun Weerara naannoo Amaaraa fi Afaaritti gaggeessaa jiru Mootummaan Naannoo Uummattoota Kibba Lixa Ityoophiyaa cimsee balaaleffata.

Birmadummaa biyyaa kabachiisuuf obboloottan naannolee biroo waliin hojjechuuf qophii ta’uu mootummaan naannichaa ibseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment