Birmadummaa Biyyaa kabachiisuu fi nageenyaa amansiisaa ijaaruuf Raayyaa ga’umsaa cimaa qabu ijaaraa jirra-F/M Birhaanuu Juulaa

Finfinnee, Onkololeessa 15, 2016 (FBC) –Birmadummaa Biyyaa kabachiisuu fi nageenyaa amansiisaa ijaaruuf Raayyaa ga’umsaa cimaa qabu ijaaraa jirra jedhan Itaamaajooriin Waliigalaa Humna Raayyaa Ittisaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaan.

Hoggantoonnii fi miseensonni Raayyaa Ittisaa murannoo isaan cichoomuu itti fufuu akka qaban hubachiisaniiru.

Hoggantoonnii fi miseensonni Raayyaa Ittisaa rakkoo keessoo qolachuun ergama isaa murannoon raawwachaa jiraniif kabaja guddaan qabana jedhan.

Birmadummaan Itiyoophiyaa kabajamee akka itti fufu humna waraanaa keenyaa guddisuu fi ammayyeessuun ergama nutti laatame ga’umsaan ba’uuf qophii ta’uu keenya ummataaf mirkaneessuun barbaada jedhan.

Raayyaan Ittisa Biyyaa Diinota keessaa fi alaa sodaa nageenyaa ta’an hunda ga’umsaan qolachaa jiraachuu kaasaniiru.

Humna Lafoo, Qilleensaa, Galaanaa fi Saayibarii caalmaatti ammayyeessuun Raayyaa Ittisaa Itiyoophiyaa madaaluu ijaaruun sadarkaa amansiisarraa ga’uu dubbataniiru.

Raayyichi sirna heera mootummaa kabajachiisuuf murannoon hojjetaa jiraachuu eeraniiru.

Humnoota karaa seeraan alaa hidhannoon socho’anii fi gurmaa’insa seeraan gara seeraatti galchuuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.
Yohaannis Darribawutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment