Birmadummaa biyyaa balaarra baraaruuf garee finxaaleyyii seeratti dhiyeessuuf kaayyeeffamee hojjetamaa jira– Dooktar Qana’aa Yaadataa

Finfinnee, Sadaasa 2, 2013 (FBC) – Lolli gaggeeffamaa jiru birmadummaa biyyaa balaarra baraaruuf garee finxaaleyyii seeratti dhiyeessuuf kan  kaayyeeffame ta’uu Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI Dooktar Qana’aa Yaadataan ibsan.

Raayyaan Ittisa Biyyaa deeggarsa qaamoolee alaa osoo hin barbaadiin garee badii barbadeessuuf ga’umsa qabaachuu ibsaniiru.

Ministirichi dhimmoota haala yeroorratti har’a ibsa laataniiru.

Lolli gaggeeffamaa jiru yakkamtoota barbaacha qofa osoo hin taane birmadummaa biyyaa balaarraa baraaruuf garee finxaaleyyii too’achuun seeratti dhiyeessuuf lola kaayyeeffamee gaggeeffaamaa jiruudha jedhan.

Hojii olaantummaa seeraa kabachiisuuf hojjetamaa jiru gareen kun lola wal waliinii fakkeessuun ololli facaasaa jiru dhugaarraa kan fagaatedha jedhan Dooktar Qana’aan.

Raayyaan Ittisa Biyyaa of eeggannoo cimaan tarkaanfii fudhachaa jiraachuu ibsaniiru.

Ummanni naannoo Tigraay shira garee badii kanaa hubachuun miidhaaf akka of hin saaxillee yaadachiisaniiru.

Ummanni naannichaa deeggarsa Raayyaa Ittisa Biyyaaf taasiisuu cimsuu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.

Raayyaan Ittisa Biyyaaf garee Finxaaleyyii ABUT irratti injifannoo hedduu galmeessuu ibsa isaaniin eeraniiru.

Haamtaamuu Taklasillaaseetu gabaase.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

 

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment