Finfinnee, Sadaasa 9, 2014 (FBC)- Birmadummaa biyya isaa kabachiisuuf uummanni hirmaannaa isaa cimsee itti fufuu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksise.
Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluun haala yeroo irratti ibsa laataniiru.
Miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa duraanii kumaatamatti lakka’aman gara addaatti imaluu fi gachana ta’uun itti fufuu isaanii ibsaniiru.
Hooggantoonni hojii mootummaa hooggansaan, bakka addaatti gaachana ta’uun socho’aa jiraachuu kaasaniiru.
Meeshaaleen waraanaa kumaatamatti lakkaa’aman, daddabarsi maallaqa seeraan alaa akkasumas hidhannoowwan garaagaraa to’atamuu eeraniiru.
Sakattoo taasifameen lakkoofsa herrega baankii namoota dhuunfaa galii gadi aanaa argatanirraa Birrii hanga miiliyoona 80 argamuu addeessaniiru.
Uummannii fi qaamoleen nageenyaa qindoominaan hojjechuun balaa biyyarratti aggaamame akka ifa baase eeraniiru.
Labsii yeroo ariifachiisaan walqabatee garee shororkeessitoota ABUT fi Shanee deeggarsa taasisuun kan shakkaman malee hidhaan saba bu’uureffate kan hin raawwatamne ta’uu ibsaniiru.
Magaalaa Finfinnee keessa dhalatoonni naannoo Tigraay walakkaa miiliyoonaatti tilmaamaman kan jiranii fi kan hidhame kuma 1 kan hin caalle ta’uu ibsaniiru.
Adda waraanaa Warra Iluu, Miillee fi Kamiseetti diinarra kisaaraan ga’aa jiraachuu Dooktar Laggasaan ibsaniiru.
Adda waraanaatti loltoonni garee shororkeessaa ABUT kuma 10 hanga kuma 15 barbadaa’uu ibsichaan eeraniiru.
Godina Shawaa Lixaa fi Wallaggaatti garee shorokeessaa Shaneerratti tarkaanfiin fudhatamaa jiraachuu fi deeggarsi dargaggoonni Oromoo argisiisan kan jajjabeeffamu ta’uu kaasaniiru.
Afawarq Iyyaayyuu fi Barnaabas Tasfaayeetu gabaase.
Naannoo keessaan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna