Biriitaaniyaan saamicha Mankuusaa dhaabbata sagantaa nyaataa addunyaarratti raawwatame balaaleffate

Finfinnee, Hagayya 21, 2014 (FBC) – Biriitaaniyaan saamicha gareen ABUT Mankuusaa dhaabbata Sagantaa Nyaataa Addunyaa Maqaleetti argamurratti raawwate kan balaaleffattu ta’uu ibsite.
Hidhattoonni garee ABUT Mankuusaa Dhaabbata Sagantaa Nyaataa Addunyaa magaalaa Maqaleetti argamurraa Boba’aa Liitira kuma dhibba 5 fi kuma 70 saamuun kan yaadatamuudha.
Ministirri Dhimma Afrikaa Biriitaaniyaa Viikii Foordi dhimmicha ilaalchisee ibsa fuula Tiwiitara isaaniin laataniin, saamichi gareen ABUT raawwate fudhatama kan hin qabne ta’uu beeksiisaniiru.
Gochichi hojiilee deeggarsa namoomaa naannichatti gaggeeffamu kan gufachiisu ta’uu kaasaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment