Finfinnee, Amajjii 12, 2015 (FBC) – Biriitaaniyaan Ityoophiyaatti naannawaa hongee fi sababa rakkoo nageenyaan miidhamaniif kan oolu Paawundii miiliyoona 16 deeggarsa taasiisuuf ta’uu Mootummaan biyyattii beeksiise.
Deeggarsichi Naannoo Tigraay dabalatee naannawaa sababa waraanaa fi hongeen miidhaman deebisanii dhaabuuf kan oolu ta’uu Ministirri Misoomaa Biriitaaniyaa Andariiwu Miishaal ibsaniiru.
Biyyattiin deeggarsa maallaqaan ala lammiilee sababa waraanaan miidhamaniif dhiyeessii meeshaalee midhaan nyaataa fi nyaataan alaa kan taasiftu ta’uu ibsaniiru.
Deeggarsa taasiifamu kanaan lammiileen Ityoophiyaa kumni dhibbi 6 ol dhiyeessii midhaan nyaataa kan argatan ta’uu kaasaniiru.
Ministirichi dhaabbileen idil addunyaa deeggarsa taasiisuu akka qaban gaafataniiru.
Deeggarsa taasiifamu keessaa Paawundiin miiliyoonni 11.6 sagantaa Oomishtoota Seeftineetii keessatti kan hammatamu ta’uu eeraniiru.
Paawundiin miiliyoonni 5 ammoo karaa sagantaa Nyaataa Addunyaan kan laatamu ta’uu Mootummaan Biriitaaniyaa ibsa laateen himeera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.