Biriitaaniyaan mala misooma magariisaa Ityoophiyaa cimsitee akka deeggartu beeksifte

Finfinnee, Muddee 2, 2012 (FBC) – Qopheessituun yaa’ii jijjiirama qabeenya qilleensa addunyaa 26ffaa Biriitaaniyaan mala misooma magariisaa Ityoophiyaa cimsitee akka deeggartu beeksifte.

Yaa’iin Jijjiirrama qabeenyaa qilleensaa kun Ispeen magaalaa Maadiriiditti gaggeeffamaa jira.

Komishinerri komishinii Naannoo, Bosonaa fi Jijjiirama Qilleensaa Ityoophiyaa Proofeesar Fiqaaduu Bayyanaa Preezdaantii Jijjiirama Qilleensaa 26ffaa Biriitaaniyaa aadde Kileer Ooneel waliin mar’ataniiru.

Aadde Kileer carraaqqii Ityoophiyaan magariisummaa fi misoomaa itti fufiinsa qabuuf taasistu fakkeenyumma gaarii kan qabu ta’uu kaasuun, ummannii fi mootummaan Biriitaaniyaa misooma magariisaa Ityoophiyaa cimsanii akka deeggaran ibsaniiru.

Bifuma walfakkaatuun Jarman sochii Ityoophiyaan dhiibbaa jijjiirrama qabeenya qilleensaa hir’suuf fedhii isheen taasiiftu kan deeggartu ta’uu beeksiftee jirti.

Comments (0)
Add Comment