Biriitaaniyaan foolii fuudhuu fi dhandhama dadhabuun mallattoo vaayrasii koroonaa keessatti kan ramadaman ta’uu ifoomsite

Finfinnee, Caamsaa 12, 2012 (FBC) – Biriitaaniyaan namoota mallattoon foolii fuudhuu fi dhandhamuu dadhabuu isaan muudate qophaatti akka of baasaan taasisaa jiraachuu beeksifteerti.
 
Hanga ammaatti namoonni iddoo tursa addaa keessaa galan namoota mallattoo hoo’ina qaamaa fi qufaa agarsiisan qofa ture.
 
Ammaan booda garuu namoonni mallattoo qufaa, hoo’ina qaamaa, foolii fuudhuu yookaa dhandhamuu dadhaban hundi qophaatti foo’amuu akka qaban murteessiteerti.
 
Gurri, funyaanii fi qoonqoon mallattoo vaayrasii koroonaa keessatti ramadamuu akka qaban ogeeyyiin akeekkachiisa kennaa turuun isaanii kan yaadatamuudha.
 
Mootummaan mallattoolee vaayrasichaa irra deebiin ilaaluu akka qabu gorsitoonni saayinsii yaada dhiyeessaa jiru jedhame.
 
Maddi:- BBC
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment