Biriichii bara 2014tti Piroojektoota 926 ijaaruu ibse

Finfinnee, Hagayya 23, 2014(FBC)- Biiroon Fayyaa Oromiyaa bara baajataa 2014tti piroojektoota 926 ijaaree xumursiisuu ibseera.

Biirichi raawwii bara 2014 fi karoora 2015 irrattii ibsa kenneera.

Biirichi Piroojektoota  bara 2014tti piroojektoota buufatalee fayyaa, manneen haadholii harka qalleeyyii ijaaruu dabalatee piroojektoota 926 ijaaruun xumursiisuu eereera.

Biirichi ijaarsa wiirtuuwwan qorannoo addaa naannoo Oromiyaa bakkeewwan garaagaraa keessatti xumursiisaa jiraachuu ibseera.

Kenniinsa tajaajila yaalaa sadarkaa fedaraalaatti kennaman kanneen akka yaala sammuu, naannichatti eegalchiisuuf Birrii biiliyoona 3.7 ijaarsisaa jiraachuu himameera.

Bara darbe hawaasa naannoo Oromiyaafi naannoolee biroo miiliyoona 47f kenniinsa tajaajila deddeebi’anii yaaluu kenneera.

Kenniinsa tajaajila dahumsaa, talaallii daa’imannii guutuufi qorannoo kaansarii gadameessaan  tajaajilli yaalaa kennamaa jiraachuu addeessameera.

Tatamsa’ina dhibeewwan daddarboo kanneen akka HIV Eedsii fi Busaa xiqqeessuuf hojjetamaa jiraachuu kaafameera.

Hanqinni dhiyeessii qorichaa, rakkoon jijjiirama qilleensaa, of dagannaan hawaasaa, dhimmi nageenyaafi kanneen biroon hojii biirichaarratti danqaa akka turan Hogganaan Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dooktar Mangistuu Baqqalaa himaniiru.

Biirichi bara dhufu rakkoowwan mudatan furuun ergama tajaajila fayyaa guutuu kennuuf dursa laachuu ibsaniiru.

Tajaajila inshuraansii fayyaa hawaasaa baballisuu, hanqina dhiyeessuu qorichaalee furuufi meeshaalee yaalaa ammayyaa dhiyeessuun kenniinsa tajaajila fayyaa ammayyeessuuf kan hojjetan ta’uu Dooktar Mangistuun eeraniiru.

Jamiilaa Jamaaltu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment