Biraazil talaallii Covid-19 Chaayinaan hojjette Mudderraa jalqabeen fayyadama jette

finfinnee, Fulbaana 18, 2013 (FBC) – Biraazil talaallii Covid-19 Chaayinaan hojjette Mudderraa jalqabeen fayyadama jette.

Biraazil biyyoota addunyaa weerara vaayrasii koroonaattiin baayyee miidhaman keessaa tokkodha.

Weerarichi biyyoota biroo keessatti hir’achaa dhufullee Biraazil keessatti garuu baay’ee dabaluun guyyaa guyyaatti namoonni kumaatamaan qabamaa jiru.

Ragaa hanga ammaa jiruun Biraazil keessatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamee miliyoona 4.6 kan qaqqabe yoo ta’u,  138, 977 ammoo dhibee kanaan lubbuun isaanii darbeera.

Aanga’oonni biyyattii weerara vaayrasii koroonaa hammaachaa jiru kanarraa ummata isaaniii baraaruudhaaf qaamoleen talaallii omishan waliin walii galtee taasisaa jiru.

Haaluma kanaan Biraazil talaallii Chaayinaan hojjette Mudde keessa akka jalqabuuf jirtu beeksifteetti.

Bulchaan magaalaa Saawoo Pooloo talaallii Chaayinaa kana Mudde keessa jalqabuuf karoorri jiraachuu dubbatu.

Bulchaan magaalaa Biraazil baayyina ummataan biyyattii keessatti tokkoffaa taate kanaa obbo Jowaawoo Dooriiyaa akka jedhanitti talaalliin Sinoovaak jedhamu miliyoona shan ji’a itti aanu keessa gara magaalattii gala.

Maddi:- BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

 

Comments (0)
Add Comment