Biqiltuwwan Ganna dhaabaman keessaa %85 ol laataniiru-MQ

Finfinnee, Mudde 16, 2016 (FBC)- Biqiltuwwaan Ashaara Magariisaa bara 2015 Ganna darbee dhaabaman keessaa %85 ol laatuu Ministeerri Qonna beeksise.

Ityoophiyaan marsaa 2’n biqiltuuwwaan biiliyoona 50 dhaabuuf karoorfattee hojjechaa jiraachuu Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girma Amanteen dubbataniiru.

Marsaa jalqabaa fi 2ffaan biqiltuwwan biiliyoonni 32.5 dhabamuus Dooktar Girmaan eeraniiru.

Ganna baranaa immoo biqiltuuwwan biiliyoona 9 dhaabuuf naannoolee waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu Dooktar Girmaan ibsaniiru.

Waggootan sadan dhufanitti biqiltuuwwan biiliyoona 17.5 dhaabuuf karoorri jiraachuu eeruu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment