Biqiltuuwwan dhaabaman hordofuun itti gaafatama lammiilee Ityoophiyaa hundaati-Mootummaa

Finfinnee, Adoolessa 13, 2015 (FBC)- Biqiltuuwwan dhaabaman hordofuun itti gaafatama lammiilee Ityoophiyaa hundarraa eegamu ta’uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibse.

Tajaajilichi ‘karorsuu, hojiirraa oolchuu, milkeessuu; itti fufees hordofuu’ mata duree jedhuun ibsa baaseen, waggoottan muraasa darban Waqtiin Gannaa wayita dhufu Sagantaa Ashaaraa Magariisaa fi tajaajilli tola ooltummaa Gannaa sagantaaleen biyyaalessaa akka aadaatti dagagaa dhufan ta’uu eereera.

Sangantaa Ashaara Magariisaa Boqonnaa 2ffaan mata duree “ Egeree Keenyaa har’aa haa Dhaabnu” jedhun Waxabajjii 1, 2015 eegalamuu yaadachiisuun, Adoolessaa 10, 2015 ammoo guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 566 ol dhaabamuu ibseera.

Duula kanarratti lammiileen miiliyoona 34 hirmaatanii fi karoora karoorfame milkeessuun akka danda’ame mootummaan ibseera.
Baatii tokkoo fi guyyoota 15’n dhufan hojiilee bal’aan kan eegaman ta’uu eeruun, manneen harka qalleeyyii haaromsuu, barnoota Gannaa kennuu, hojiilee tajaajilaa tiraafikaa fi tola ooltummaa biroon cimanii itti fufuu akka qaban hubachiiseera.

Kanaanis hojjechuu fi jijjiirama fiduun akka danda’amu eeruun, Adoolessa 10, Biqiltuuwwan dhaabaman hordofamuu fi kunuunfamuun akka barbaachisu mootummaan ibseera.

Biqiltuuwwan dhaabamanis hordofuun sadarkaa barbaadamurraan ga’uun dhimma xiyyeeffannaan kennamuu qabuu ta’uu akeekeera.

Biqiltuuwwan dhaabaman tuttuqqaarraa eeguu fi hordofuun dhaabbii isaarratti kanneen hirmaatan hundarraa kan eegamuu fi ogeeyyiin damichaas xiyyeeffannaa addaan hojjechuu akka qaban eerameera.

Miidiyaaleenis akkuma duula guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 500 dhaabuu jalqabaa hanga xumuraattii hordofanii gabaasaa turan, fuuldurattis hordofuun kan irraa eegamu ta’uu beeksisuu ragaan tajaajilichaarra argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment