Biqiltuun Shaayee miiliyoonni 400 qophaa’aa jira-BQO

Finfinnee, Mudde 18, 2016 (FBC)- Biqiltuu Shaayee miiliyoona 400 qophaa’aa jiraachuu Biiroon Qonna Oromiyaa beeksise.

Oromiyaatti Inisheetivii misooma shaayee jalqabame babal’isuun haala danda’amu irratti mariin Magaalaa Jimmaatti gaggeeffameera.

Walatajji marichaarratti inisheetiiviin misooma shaayii eegalamee bu’aa gaarii argamsiisaa jiraachuun himameera.

Barana godinaalee Jimmaa, Buunnoo Beddellee fi Iluu Abbaa Boor keessatti lafa hektaara kuma 30 irratti biqiltuu miiliyoona 400 qopheessuun dhaabuuf karoorfamee hojjatamaa jiraachuun eerameera.

Hogganaan Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuun waltajjicharratti akka ibsanitti, misoomni Shaayee guddina diinagdee biyyaa fi lammiilee hedduuf carraa hojii uumuuf gumaacha olaanaa akka qabu dubbataniiru.

Misooma Shaayee kanas godinaalee Wallaggaa afranitti babal’isuuf karoorfamee hojjatamaa jiraachuun himameera.

Muktaar Xahaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment