Biqiltuun hanga latee ofiin dhaabbatutti kunuunsa ittifufiinsaan taasisuun murteessaadha-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Onkololeessa 26, 2016 (FBC) – Biqiltuu dhaabuu qofa osoo hintaane hanga latee ofiin dhaabbatutti kunuunsa ittifufiinsa qabu taasisuun murteessaa ta’uu Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaaan akeekan.

Pireezidaanti Shimallis akka jedhanitti eegumsi naannoo toorqabiyyee saglan qonnaa mootummaan Naannoo Oromiyaa xiyyeeffannoon hojjechaa jiru keessaa isa tokko.

Gama kanaan, hojiilen misooma sululaa, biyyee gabbisuu fi sagantaa Ashaaraa Magariisaa raawwii gaarii qabaachuu himaniiru.

Iddoowwan ganna darbe sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin biqiltuun dhaabmani keessa Godina Harargee Bahaa Aanaa Guraawaatti biqiltuun ji’oota muraasa dura dhaabaman kunuunsa hawaasaatiin haala gaarii irratti akka argamu eeraniiru.

Biqiltuu dhaabuu qofa osoo hin taane hanga latee ofiin dhaabbatutti kunuunsa ittifufiinsa qabu taasisuun murteessaa ta’uu Pireezidaanti Shimallis gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru,.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment