Finfinnee, Bitootessa 12, 2014 (FBC) – Biqiltuun biiliyoonni 2.7 qophaa’ee kunuunfamaa jiraachuu Preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisan ibsaniiru.
Obbo Shimallis gabaasa raawwii hojii mootummaa miseensota caffeef dhiyeessaniin ganna darbe lafa hektaara miiliyoona 6.309 misoomsuun callaa kuntaalli miiliyoonni dhibbi1 fi miiliyoonni 88 fi kumni dhibbi 2 ol argamuu danda’uu eeraniiru.
Callaan argame kan bara darbeen yoo madaallame kuntaala miiliyoona 3.6 caalmaa qabaachuu himaniiru.
Lafti hektaarri kumni dhibbi 3 fi kumni 55 Qamadii jallisii boneen misoomee kunuunfamaa jiraachuu himaniiru.
Bara kana qofa tiraaktaroota kuma 2 dhiyeessuuf karoorfame keessaa tiraaktaroonni 276 bitamee geejjibamaa jiraachu dubbataniiru.
Misooma jallisiif xiyyeeffannaa kennameen hojjetamaa jirun paampiiwwan bishaanii kuma 20 raabsuuf karoorfamee hanga ammaatti paampiwwan kuma 6 fi 365 raabsuun tajaajilaaf oolchuun danda’ameera jedhan obbo Shimallis.
Daagmaawii Deeksisaa fi Gammachiis Taarikuutu gabaase.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.