Biqiltuun Avokaadoo miiliyoona 10 ol qophaa’aa jira-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Mudde 26, 2016 (FBC)- Biqiltuun Avokaadoo al-ergii miiliyoona 10 ol qophaa’aa jiraachuu Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.

Pireezidaanti Shimallis gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, kaayyoon guguddaan sektara qonnaa gosoota omisha qonnaa alergiif oolan daneessuudha.

Haaluma kanaan sochiin inisheetiivii misooma Avokaadoo al-ergii waggoottan shanan darban taasifamaa turuu yaadachiisanii, hanga Ganna darbeetti, lafa hektaara kuma 16 irratti biqiltuu Avokadoo sanyii filatamaa gabaa addunyaa irratti barbaadamaan uwwisuun akka danda’me eeraniiru.

Ganna dhufuuf ammoo, karoora raawwii waggoota shanan darban caaluun, lafa hektaara kuma 25 irra dhaabuun, sanyii Avokaadoo al-ergii, hektaara kuma 40 oliin gahuuf hojjetamaa jira jedhan.

Hanga ammaattis, biqiltuu Avokaadoo miiliyoona 10 ol qophaa’aa jiraachuu ibsanii, godinaale Oromiyaa hundatti kunuunfamaa jiraachuu himaniiru.

Qooda fudhattoonni hundi, milkaa’ina hanga ammaa jiruun osoo hindagamiin, hojii diqaalessa biqiltuu qophaa’ee xiyyefannoo olaanaan akka hojjetan dhaamaniiru.

Qonnaan bultootaa fi ogeeyyiin qonnaa milkaa’inaa galmaa’aa jiruuf gumaachaanis galateeffataniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment