Biqiltuu bara darbe dhaabaman keessaa %84 qabateera

Finfinnee, Caamsaa 10, 2012 (FBC) – Biqiltuu bara darbe dhaabaman keessaa %84 qabateera.
 
Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad akka beeksisanitti biqiltuu sadarkaa biyyaatti bara darbe dhaabaman keessaa %84 qabateera.
 
Biqiltuun dhaabame akka qabatu kunuunsi taasifame cimaa akka tures ibsaniiru.
 
Dhaabbii biqiltuuf yeroo qophaa’aa jirru kanatti, ifaajjeen bara darbee bu’aa buusuusaa hubachuun abdachiisaa isa taasisas jedhaniiru.
 
Bara darbe biqiltuu biiliyoonni 4 akka biyyaatti dhaabamuun ni yaadatama.
 
Guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona dhibba 3 ol dhaabudhaan galmee Hind qabattee turte, caalun danda’ameet ture.
 
Ganna baranaa biqiltuu biiliyoona 5 dhaabuuf karoorfamee hojjetamaa jira.
 
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment