Finfinnee, Gurraandhala 9, 2014 (FBC) – Bineensotaa Bosonaa Paarkii Biyyaaleessa Booranaa keessaatti argaman miidhaa hongeerraa baraaruuf carraaqiin taasifamaa Jiraachuu ibsameera.
Goddinichatti Bineensoota sababa Hongeen miidhaman baraaruuf dhiyyeesiin bishaanii fi margaa taasifamaa jiru gahaa akka hin taane Hogganaan Iskaawutii Parkichaa Obbo Okkotuu Diidaa ibsaniiru.
Gosa bineensoota parkichatti argaman humni hongee dadammachuu isaanii xiqqaa ta’e kanneen akka Harre Diidoo, Goljaa fi Gaddamsi du’aa jiraachuu eeraniiru.
Tuutni gaazeexesitoota Faanaa Broodkaastiing Koorporeet godinichatti argamuun miidhaa qaqqabe daawwateera.
Bineensoota parkichaa baraaruuf deegarsi taasifamu cimee akka itti fufu gaafataniiru.
Parkichi bakka argama bineensoota akka Gadamsaa, Sattawwaa, Leencaa , Gugguftoo, Qeerensaa fi gosa Simbirootaa paarkiicha keessaatti qofa argamanii kanneen akka Qaaqaa ( Bush Crow) , Raaree (Swaaloow), Waayyu Guutoo (Tiraakoo) fi Gogorii (Black Frog Farancoli) dabalatee gosoota bineensoota 20 olii ta’uu fi aanaalee godinichaa shan keessatti Lafa Iskuweer Kiloomeetirii kuma 3 fi 761rraatti daanga’ee kan argamu ta’uu ragaan arganne ni mul’isa.
Muuluu Waaqashuumeetu gabaase.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.