Biiroon Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa misooma bunaa fi mi’eessituurraattii ogeeyyii qonnaa leenjii ogumma cimsuu kennaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 16, 2013 (FBC) – Biiroon Qonnaafi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa misooma bunaa fi mi’eessituurraattii ogeeyyii qonnaa leenjii ogumma cimsuu kennaa jira.

Biirichi misooma bunaa fi mi’eessituurraattii ogeeyyii qonnaa godinaalee Lixaafi Kibba Lixa Oromiyaa 7 irraa dhufaniif leenjii ogummaa cimsu magaalaa Jimmaatti kennaa jiraachuu ibseera.

Xiyyeeffannoo Biiroon Qonnaafi Qabeenya uumamaa Oromiyaa bunaaf kenneen bara darbe galiin bunarraa argame fooyya’eera,qonnan bulaan dhuunfaanis ta’ee waldaan gurm’ee buna gabaa addunyaaf dhiyeesse doolaaran gurgurateera.

Gorsaa Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa obbo Taajjuuddin Abdurraman:
Misooma bunaa Naannoo Oromiyaa Godinaalee 17,aanaalee 193 keessatti raawwachaa jirachuu himaniiru.

Qonnan bulaan Oromoo %40 oomisha bunaarraatti bobba’ee jiras jedhan.

Lafa qonnaa bunaaf mijataa ta’e heektara Miliyoona 3.5 keessa yeroo ammaa heektara miliyoona 2.2 irratti bunni oomishamaa jiraachuu ibsaniiru.

Biyyi keenyi garuu qilleensafi dachee misooma bunaaf mijataa ta’e osoo qabduu, heektara irraa buna kunt 3-5 aragachaa turte reef kuntaala 7 tti olguddistees jedhameera.

Teeknooloojiin oomisha bunaarratti sona dabaluu fi dhiyeessi oomisha bunas ittin dhiyeessinurratti laafina guddatuu jira jedhame.

Keessumaa kununsi misooma bunaaf godhamu,sararaan dhaabuu,gamashuu,buna dulloome bakka buusuu,osoo hin bilchaatiin guuruu, qisaasama bakka kuusaafi yeroo sassabbi jiruun ammallee rakkon guddan jirachuu Biirichi ibseera.

Ityoophiiyaan Injifattuu gabaa buna Addunyaa “’coffe cup of excellence”’ bara 2013ti.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment