Biiroon Qonnaa Oromiyaa simbira girrisaa oomisha qamadii bonaa miidhu to’achuuf xiyyaara keemikaala biifu galche

Finfinnee, Eebila 11, 2014 (FBC) – Biiroon Qonnaa Oromiyaa simbira girrisaa oomisha qamadii bonaa miidhu to’achuuf, xiyyaara keemikaala biifu Afrikaa Bahaatti, Dhaabbata To’annoo Awwaannisa Gammoojjiirraa galcheera.

Xiyyaara keemikaala biifu kanaafis, Biiroon Qonnaa Oromiyaa dirree balalii isaa aanaa Doddotaa magaalaa Dheeraatti Birrii miiliyoona 3’n hojjechiseera.

Hoogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Abarraa Warquu simbira oomisha qonnaan bulaa miidhu to’achuuf, xiyyaara keemikaala biifutti fayyadamuun oomisha baraaruuf hojjetaa jirra jedhan.

Xiyyaara kanas Afrikaa Bahaatti Dhaabbata To’annoo Awwaannisa Gammoojjii irraa waliigaltee Ministeera Qonnaan kan argame ta’uu himaniiru.

Oomisha qonna kilaastaraa Oromiyaa ilbiisotaan akka hin mancaaneef, teeknooloojiin fayyadamaa jirra kan jedhan immoo, Biiroo Qonnaa Oromiyaatti ittaanaa Hoogganaa fi itti gaafatamaan Damee Eegumsa Biqiltuu obbo Dajanee Hirphaati OBN gabaase.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment