Finfinnee, Guraandhala 13, 2015 (FBC) – Biiroon Qonnaa Oromiyaa Mana Barumsaa Bultii Addaa Adaamaaf midhaan nyaataa kuntaala 400 gumaacheera.
Biirichi mana barumsichaaf midhaan nyaataa kuntaala 400 Birrii miiliyoona 1.2’tti tilmaamamu deeggarsa taasisuu Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu himaniiru.
Akka Naannoo Oromiyaatti kufaatii barattootaa hambisuuf manni barumsaa bultii addaa fakkeenyaa ta’aa akka jiru himaniiru.
Hogganaan Waldaa Misooma Oromiyaa Obbo Dajanee Ittichaa, deeggarsa taasifameef galateeffachuun, waldichi dhaloota naamusa gaarii qabuu, biyya fayyadu, lammii akka addunyaatti dorgomaa ta’e fi ofitti amanamummaa qabu horachuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu himuu isaanii OBN gabaaseera.
#Oromiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.