Biiroon Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa Konkolaataa 31, Paampii jallisii 2037, Motor-Saayikilii 40 fi Peedaal saayikilii 700 pirojektii misooma qamadiif oolu kenne

Finfinnee, Onkololeessa 3, 2013 (FBC) – Biiroon Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa Konkolaataa 31, Paampii jallisii 2037, Motor-Saayikilii 40 fi Peedaal saayikilii 700 pirojektii misooma qamadiif oolu guyyaa har’aa kennee jira.
 
Bara kana xiyyeeffannoo Muummee Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad hojii misooma qonnaaf kennuun deeggersa gama hundaatiin taasisaa jiraniin milkaa’inni hojiiwwan qonnaatiin galmaa’aa jira.
 
Oomisha qamadii biyya alaati galu bakka buusuuf akka naannoo keenyasatti jallisiin lafa hrktaara kuma 300 misoomsuun qamadii kuntaala Miliyoona 13 oomishuun bakka buusuuf karoora qabamee hojjetamaa jiru milkeessuuf guyyaa har’aa Paampii bishaan jallisii 2037 qonnaan/Horsiise bultootaa keenyaaf guyyaa har’aa kenname Muummee Ministiraa Dooktar Abiy Ahimad gumaachanii jiru.
 
Preezdaantiin Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaas milkaa’ina karoora Projaktii misooma qamadii kanaatiif kan oolu konkolaata 31 bitamee akka kennamuuf gahee olaanaa bahatanii jiru.
 
Guyyaa har’aas qamadii alaa galu jallisiin misoomsuun bakka buusuuf hojii karoorfamee hojjetamaa jiru milkeessuuf qophiin barbaachisu hundi taasifamaa jiraachuu obbo Dhaabaan ibsaniiru.
 
Milkaa’ina kanaafis deeggersi Paampii bishaan jallisii 2037, konkolaataaa 31, Motor saaykilii 40 fi Peedaal saayikilii 700 Hogganaan Biiroo Qonnaa fi Qabeenya UumamaaOromiyaa obbo Dhaabaa Dabaleetiin Godinaaleef dabarfamee kennamee jira.
 
Deeggersa Kanas hojii Projaktii qamadii jallisiif qofa oolchuun nilkaa’ina isaatiif tumsuu akka qabanis obbo Dhaabaan dhaamaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment