Biiroon Misooma Qabeenya Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa dhimma misooma bishaanii, qulqullina naannoo fi dhuunfarraatti marii gaggeessaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 27, 2013 (FBC) – Biiroon Misooma Qabeenya Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa dhimma misooma bishaanii, qulqullina naannoo fi dhuunfarraatti marii gaggeessaa jira.

Maricha irratti sadarkaa Itti Aanaa Preezdantiitti qindeessaan Kilaastera Qonnaa Dooktar Girmaa Amantee, Hogganaa Biiroo Misooma Qabeenya Bishaani fi Inarjii Oromiyaa Dooktar Injiinar Habtaamu Ittafaa fi qooda fudhattoonni dhaabbata miti mootummaa WASH federaalaa fi naannolee argamaniiru.

Biiroo Misooma Qabeenya Bishaanii fi Inarjii Oromiyaatti daayreektarri hirmaannaa hawaasaa fi qooda fudhattootaa obbo Xibabuu Taliilaa naannoo Oromiyaatti dhaabbileen miti mootummaa misooma bishaanii,qulqullina naannoo fi dhuunfarratti bobba’an 85 yoo ta’an, hedduun isaanii bakka muraasa keessatti akka hojjatanii fi haala barbaadanirratti qofa hojjatu jedhaniiru.

Inni kun immoo galma ga’iinsa hojii misooma bishaanii, qulqullina naannoo fi dhuunfarratti hojjatamurratti gufuu ta’u ibsaniiru.

Kanaaf rakkoo kana akkaataa furuun danda’aamurratti mariin fooramii kun qophaa’uusaa himaniiru.

Daagimaawwii Daksiisaatu gabaase.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/channel/UCsy_Mc1C45kRUVopA-NK10A subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.

Comments (0)
Add Comment