Biiroon Misooma Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa gamaaggama raawwii hojii baatiwwan 6’n darbanii gaggeesse

Finfinnee, Amajjii 16, 2013 (FBC) – Biiroon Misooma Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa gamaaggama raawwii hojii magaalotaa baatiwwan 6’n darbanii magaalaa Bishooftuutti geggeesseera.

Gamaggamicharrattis gabaasni raawwii hojii kan Magaalotaa dhiyaachuun irratti mari’atameera.

Hojiiwwan gama Magariisummaa magaalaatiin hojjetameen baatiwwan 6’n darbanitti akka Magaalaa Jimmaatti hojiin qarqara lagaa Misoomsuu qarshii Miliyoona dhibba ja’aan hektaara 6 irratti hojjetamaa jirus akka fakkeenyaatti ka’eera.

Dabalataanis giddu galli Aadaa Oromoo bakka Irreeffannaa Hora Arsadiitti ijaaruuf Dizaayiniin isaa qarshii miiliyoona 45 oliin hojjetamee xumuramuun hojiitti galuuf akka jirus ibsameera.

Magaalaa humna bitatu qofa qabu osoo hin taane humna Oomishu qabu uumuuf bal’inaan hojjetamaa jiraachuunis himameera.

Walitti hidhaminsa Magaalotaa cimsuun waldeeggaranii akka Misooman taasisuuf jalqabbii gaariin jiraachuu ibsameera.

Baatiwwan jahaan darbanitti carraawwan hojii namoota kuma kudha 6 oliif uumamuu kan himan hogganaan Biiroo Misooma Magaalotaa fi Manneenii Oromiyaa obbo Jamaal kadir, rakkoowwan bulchiinsa gaarii mul’atan furuufis hojjetamaa jira jedhan.

Leensaa Dirribaatu gabaase.

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.!

Comments (0)
Add Comment