Biiroon Geejjibaa magaalichaa fooyya’iinsa taariifa geejjibaa taasisuu ibse

Finfinnee, Caamsaa 30, 2014 (FBC) – Biiroon Geejjibaa magaalaa Finfinnee guyyaa boruu irraa eegalee hojiirra kan oolu fooyya’iinsa taariifa geejjibaa taasisuu ibse.

Fooyya’iinsi tajaajila geejjibaa kun daballii gatii boba’aa idil addunyaa bu’uureffachuun ta’uu ibsameera.

Haaluma kanaan konkolaattota tajaajila geejjibaa laatan “Mid-Bus fi Mini-Bus” magaalichaarratti foyya’iinsi taariifaa taasifamuu Ittaanaan Hogganaa Biiroo Geejjibaa magaalichaa Obbo Yirgaalam Birhaanee ibsaniiru.

Biirichi guyyaa boruu irraa eegalee gatii geejjibaarratti daballii Saantima 0.50 hanga Birrii 3 fi Saantima 50 taasisuu eeraniiru.

Haaluma kanaan Mid-Bus irratti daballiin gatii Saantima 0.50 hanga Birrii 2.00 kan taasifame yoo ta’u, Mini- Busirratti Saantima 0.50 hanga Birrii 3.50 taasifameera.

Hawaasni qaamolee seer-maleeyyii taarifa kaa’ame dabalata gaafatan qaama dhimmi ilaallatutti akka beeksisan biirichi waamicha dhiyeesseera.

Maddi:- TOI

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment